Mini vic.gov.au

This is a low bandwidth version of vic.gov.au. Contents may not be up to date. © Copyright State Government of Victoria

Tarsimoo diddaa qoqqooddaa sanyiinii (anti-racism) Victoria kan bara 2024-2029 (Victoria’s anti-racism strategy 2024-2029) - Afaan Oromoo (Oromo)

Tarsimoon diddaa qoqqooddaa sanyiinii (anti-racism) Victoria tarsimoo jalaqabaa karoora waggaa 5 kan Victoria keessaa sanyummaa (racism) fi loogii (discrimination) dhorkuuf karoorsamee dha.

On this page

Victoria’s anti-racism strategy in Oromo PDF 1.14 MB (opens in a new window)

Waliin hojjachuudhaan Victoria bakka hundumtuu wal qixa, nageenyaan keessa jiraatu ijaarrachuu dandeenya.

Qoqqooddanii sanyiinii (racism) maali dhaa?

Balfinni sanyii yeroo namootni sababa sanyii (race) ykn qomoo isaanii irraa kan ka’e loogiin irratti geessisamuu dha. Kan inni of keessatti dabalus arrabsuu, qoodumsaa ykn waan argachuu qaban ykn hiree namoota kaaniif kennamu yeroo kennuufiin dhiisamuu dha.

Qoqqooddaan sanyiinii kara baay’ee of mul’isuu danda’a. Tarsimoon qoqqooddaa sanyii hawaasa keessa jiru furuu:

Mul’ata keenya

Victoria qoqqooddaa sanyii fi loogumsaa irraa bilisa taatee, bakka Viktoriyanotni hundi mirga wal qixa, bilisummaa fi ittisa qabaatanii nageenya fayyaalessa fi hawaasa wal gargaaru tahanii waliin jiraatan.

Tarsimoon kun balfina qoqqooddaa sanyii fi loogumsaa Victoria keessaa hir’isuuf galmawwan 4 qaba:

Mul’ata hojii irra oolchuu irratti

Tarsimoon diddaa qoqqooddaa sanyiinii kanneen armaan gadii ni taasisa:

Jijjiirama taasisamu hordofnee tarsimoon kun qoqqooddaa sanyiinii hir’isuu isaa ni safarra akkasumas hawaasaaf gabaasaa ni dhiyeessina.

Tarsimoo kana maaliif barbaadna

Nuti adda adda

Balfinni sanyii amma illee rakkoo dha

Odeeffannoo dhabuu fi hawaasni tajaajila amanuu dhiisuun qoqqooddaan sanyii gahaatti osoo hin gabaasamin akka jiru ibsa.

Eenyutti dubbatnee

Viktoriyanota 670 caalan Ummata Jalqabaa (First People) hawaasa aad-danuu (multicultural) fi amantaa daneessa (multifaith) irraa dhageenyee jirra. Kunneen kan of keessatti dabalatan gaggeessitoota hawaasaa, ogummaa kan qaban fi hojjetoota adda duree (frontline) tahanii dha.

Victoria keessaatti qoqqooddaa sanyii gabaasuu

Eenyu illee qoqqooddaa sanyiidhaaf saaxilamuu hin qabu. Yoo Victoria keessa balfina sanyii ykn loogii (discrimination) agarte gabaasuu dandeessa.

Komishina Hiree Walqixaa fi Mirga Namoomaa Victoria

Guyyoota torbee (weekdays) ganama sa’aa 10 irraa hanga waaree booda sa’aa 2tti 1300 292 153 bilbilaa. Yoo afaan hiikaa bilisaan barbaaddan, 1300 152 494 bilbilaa.

Imeelii enquiries@veohrc.vic.gov.au

Karaa dhoksaa ta’een sarara interneetaa irraan gabaasaa.

Yoo duudaa, dhagahuu hin dandeessu tahe ykn dubbachuu hin dandeenyeTajaajila Irkoo Biyyaalessaa (National Relay Service)qunnami.

Poolisii Victoria

Yeroo hatattamaaf(emergencies), yakka raawatamaa jiru gabaasuuf, ykn poolisiin daddaffiidhaan akka argaman odeeffannoo kennuuf Duwwaa-sadeen (Triple Zero) (000) bilbili.

Kan hatattama hin taaneef, Toora Gargaarsa Bilbilaa Poolisii 131 444 ykn 131 450 irratti bilbilii nama tola afaan siif hiiku waliin itti dubbadhu.

Buufata poolisii naannoo keessan jirutti toora interneetaa irraan gabaasuu dandeessu.

Osoo of hin saaxillee Ittistoota Yakkaatti (Crime Stoppers) 1800 333 000 irratti gabaasuu dandeessu.

Gargaarsaa fi akka itti gabaastu, tarsimoo diddaa qoqqooddaa sanyiini ilaali.

Odeeffannoo dabalataa

Tarsimoo guutuu kana afaan English ykn cuunfaa isaa afaanota kaaniin toora interneetaa irratti ni argatta.

Akkasumas odeeffannoo caaluuf Tajaajila Afaan Hiikaa fi Jijjiirraa (Translating and Interpreting Service (TIS) 131 450 irratti fi Damee Premier fi Cabinet 03 9651 5111 irratti bilbiluu dandeessu.

Gara Damee Premier fi Cabinet kara antiracism.strategy@dpc.vic.gov.au email erguu dandeessu.

Communities

Updated 27 November 2024



About the VIC Government

Grants and programs

Jobs and careers

Arts, culture and heritage

Business and the workplace

Communities

Education and training

Environment, water and energy

Finance and economy

Health and social support

Housing and property

Law and justice

Safety and emergencies

Science and technology

Sport and recreation

Traffic and transport

Working in the Victorian Government